
bara bara - tadele gemechu lyrics
si yaa ifa mootii dukkanaa
sona jireenya gammachuu
kan kee si’achi si’ana
yeroon ulfinakee galchuu
si yaa ifa mootii dukkanaa
sona jireenya gammachuu
kan kee si’achi si’ana
yeroon ulfinakee galchuu
si yaa (oromiyaa)
si yaa (biyya tiyya)
si yaa (oromiyaa)
si yaa (biyya tiyya)
hammaattees hingarre
arjoomakee maleessa
iddoon irraa si dhabe
iddoon sii hin malle eessa
arjaa harka kaamettii
dugda haadha ko’essaa
dachii badhaadha quufaa
godoo ilmaan hiyyeessaa
bara baraaf bara baraaf bara baraaf
bara baraaf bara baraaf bara baraaf
kabajakeef
ulfinakeef
nuti ilmaankee jirra
hin hiraartu
hin shenooytu
sichi ilmaan keetu jirra
biyya taaddee birruu (oromiyaa)
biyya abishee garbaa (oromiyaa)
biyya elemoo qilxuu (oromiyaa)
biyya alii birraa (oromiyaa)
si yaa ifa mootii dukkanaa
sona jireenya gammachuu
kan kee si’achi si’ana
yeroon ulfinakee galchuu
si yaa ifa mootii dukkanaa
sona jireenya gammachuu
kan kee si’achi si’ana
yeroon ulfinakee galchuu
si yaa (oromiyaa)
si yaa (biyya tiyya)
si yaa (oromiyaa)
si yaa (biyya tiyya)
dirree galmee seenaa
godambaa abaabilee
abdii afrikaanotaa
wiirtuu malkaa gurraalee
gadaankee goobanee
samiirraa mul’ata
urjii ardilee torbaa
biyya hayyuu hayyootaa
bara baraaf bara baraaf bara baraaf
bara baraaf bara baraaf bara baraaf
kabajakeef
ulfinakeef
nuti ilmaankee jirra
hin hiraartu
hin shenooytu
sichi ilmaan keetu jirra
biyya jaallee nadhii (oromiyaa)
biyya hayilee fidaa (oromiyaa)
biyya bakar waaree (oromiyaa)
jaarraa abbaa gadaa (oromiyaa)
biyya laggee wagii (oromiyaa)
biyya jaal jaatanii (oromiyaa)
biyya baaroo tumsaa (oromiyaa)
biyya hacaaluu hundeessaa (oromiyaa)
Random Song Lyrics :
- mr. penga pt. 2 - young pelik lyrics
- bes nazvan dyavolom - hellpeach lyrics
- oh izzy - yandie gotam lyrics
- ab initio - the jb conspiracy lyrics
- crazy buddies! - rof-mao lyrics
- jaane na - the prophec lyrics
- espelho, espelho meu* - przzz lyrics
- pretending - akasia sandler lyrics
- səhv - rəqsanə ismayılova lyrics
- cloud nine (live) - the temptations lyrics