lirikcinta.com
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

lirik lagu geerarsa – ebbisa addunya

Loading...

ijoollee biyya keenyaa
geerar geerar nan jeettu
mee ka’ee geeraruuree
mee ka’ee geeraruuree
dhaamsa dabarfadhuu ree
sabab sababiin hima
sabab sababiin hima yaa ijollee
xiqqaan naa dhageefadhaa
gudaan naa qalbeefedhaa

sababiin buna hin fillu yaa ijollee
jabanaa galaafatee
sababiin awaanisaa
midhaan nu galaafatee
sababiin goobanticha
gootakoo galaafatee

kan kaleessaa otuu jennuun
arr’as nutti of baafatee
malumaa malaan gorsaa
ammaa qaata of yaadate
amma qaata of yaadate
ishoo

yaa gaarreen biyya keenyaa
yaa wal waliff iyyaa jara koo
kan gaafotaa abboti keenyaa
korma sitti hin qalleeree
wagaga bara dheeraadhaaf
kool loon sittii hin galleeree

akkuuma nama qonnee
keenyaa maaf badee laataa
warra beelaas maaf taanee

mee ak*ma namaa loollee
mirga keenyas maaf dhabnee
nu maal yakkine laata
nu maal yakkine laata
nu maal yakkine laata

gaaguree onte taanee
bookeen nutti galte kaa
ilma dabeessa taanee
ilmoo dabeessa taanee
gadheen nutti taphte kaa
dinnichi baasaa baadee
dinnichi baasaa baadee
lafa keessattuu hafaa
naamni biyyaasaa hin lollee

kan ajjeesee hin dhibannee
numa keessattuu haffaa
ani isoo nan seeraa
mee an isoo nan seeraa
citaa xinnoo isaa tuullee
mee an isoo nan ajjeessa
shaniif ja’a taattullee
kudha*tokkoo taattullee
ishoo
geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadeeraa
geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadera
wbo an siyaadera
wbo ani si yaadera

nagaa keessa boqattee
huuroftee jibbee taate
beeloftee biyya baatee
muratte mataa cinii
gaafa oromiyaa seentee
dinnicha hanqaaqu seetee
muuziifaa dhadhaa seetee
keena fa’a mi’eefatee
kunoo gaa loon kakattee

oromoo maa cal’iftee
sangaa, fardaa dulloomee
utaalchaa gaafasuu ree

ilmaa namaa gabroomee
booyichaa gaafasuu ree
boo’an billisoomuuree?
yoo bosona deemanii
wboti maqatanii
gaafas kan dubbatanii
gafaas kan jegnoomanii
gaafas kan dhiiromanii
ishoo

utuu fiinyoon hin jirre yaa ijjollee
fiinyoo dheeraan hin jirree
maaltu mukaa yaabbataa
maaltu mukaa yaabbataa
daama nyaachuuf abdata
utuu seenan hin jirree
yoona maaltu of yaadata
yoona maaltu of yaadata
enyuumaa saan dhaadataa

adaara yaa oromoo
koree koree dhaabbadhaa
galmee seenaa qoradhaa
galmee seenaa qoradhaa
namni seenaa saa hin beenne
bishaan gabetee irraati
gara argetti jallataa
gara argetti jallataa

kolfi kolfi naan jedhu yaa ijjollee
kolfi kolfi naan jeedhuu
ilkaan maalii na kolfaa
obsi obsi naan jedhuu
garaa maalii na obsaa
afaan keenyaan dubbannee
afaan keenyaan dubbannee
keraa deemuu dadhabnee

yaa buna hin daraarinii
hamman harree bituttii
narraa arrabaa bitutii
yaa du’a nan waaminii
yaa du’a nan waaminii
yaa biyyoo nan nyaatinii
hammuma billisummaa
ija kiiyyaan arguttii
ija kiiyyaan arguttii
ishoo

geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadeeraa
geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadeeraa
wbo an siyaadeeraa
wbo ani si yaadeeraa

injiraanni na fixee
ciniin dhiiga na xuuxxee
ka’ee shiggiree bitee

offirraa haaduu laata
naa mee ishee gubuu laata
jarri nuu galuu didee
dirree keessa nu yaate
ka’e meeshaakoo fudhee
biyya ishee baasuu laata

utuu akka garaa kootii
biyyikoo oromiyaa
harr’uma bilisoomti
akka garaa ta’aaree
maarqaan galaa ta’aree
yeroo ishee tura malee
billisoomutu oolaaree
billisoomutu oolaaree
ishoo

kan oromoo maali laata yaa ijollee
haadhoon wal gaarreeffataa
wal harkaa nyaatee dhugee
wal harkaa nyaatee dhugee
dugda duubaan wal hamataa
akka waan alaa dhufee

kuttoodhaan wal qirqataa
maangudoon biyya keenyaa
mee, araara nuu kadhaa
abaarsa qabnaa laata
abaarsa qabnaa laata

ijja kootu na sirba yaa ijollee
maaluman arga laata
gurra kootu natti orsaa
maalan dhaga’a laata
ijji koo akka soonsaa
loltuu akka kanniisaa
loltuu akka kanniisaa

wbo koo dhufaa laata
ammaa tola yoo tolee
yoo rafnaan abjuun tolee
yoo deemnaan millkiin tolee
harr’i maaliif halaakaa
halkan itti fakkaatee
hindaaqqoonis maalif iyyee
sinbirroon “cuucuu” jeettee
weeniinis kokoriisee
billisuumaaf fariftee
oromoo wal dammaqsaa
lafti bari’uu geesse
lafti bari’uu geesse
ishoo

geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadeeraa
geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadeeraa
wbo an siyaadeeraa
wbo ani si yaadeeraa

sin amanuu yaa harree
yaa harree duugda madaa
madaadhaan gangalattee
madaadhaan gangalattee
dhukkubbii dabalattaa
siin amanuu yaa gadhee
yaa gadhee gurra badaa
utuu keessa kee hin beennee
utuu qa’ee kee hin beennee
keessuma fuutee galtee
taajjaabbii dabalattaa
ijoollee biyyaa keenyaa
ijoollee biyya keenyaa
ijoolleen oromiyaa
ijoolleen bahaa dhihaa
ijoolleen kaabaa kibbaa
ijoolleen bahaa dhihaa
tokkuumaadhaan qabsaa’aa

sarriin dhukkubsattee
lubbuun mormaaf geessee jirtii
awwaalaf qoqophaa’aa
awwaalaf qoqophaa’aa
awwaalaf qoqophaa’aa
ishoo

ijoollee biyya keenyaa
ijoollee aanoo kooti
ijoollee dambi kootti
ijoollee booree kootti
hindaaqqoo qooxii guutuu
kormaa koon kessaa dhabee
hindaaqqoo qooxii guutuu
kormaa koon kessaa dhabee
hundumtuun waal haa guutuu
ummata mana guutuu
abon keessaan dhabee
wbo koon keessaan dhabee
wbo koon keessaan dhabee
wbo koon keessaan dhabee

baddaa baalee taa’ani yaa ijoollee
baddaa baalee taa’anii
qamadii dhabuun farraa
qamadii dhabuun farraa
garbu dhabuun salphinaa
akkas tattafatanii
akkas tattafatanii
gabrumatti hafuun farraa
mirga dhabuun salphinaa

surree koof shamizii koo
mataattan boraafadhee
dhiigakoo ishee ijoollummaa
dhiigakoo ishee ijoollummaa
bosonatti hobbaafadhee
bosonaa yaa qorra ishee

ganna yaa diilalla ishee
jajjabee jabinaa ishee
wbokee yaa obsaa ishee
wbokee yaa obsaa ishee
wbokee yaa obsaa ishee (ishoo)

geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadeeraa
geeshee, hubadhuu laalii
dullaa qabda yaa seeraa
seenii himadhuu maali
wbo an siyaadeeraa
ahh wbo ani si yaadeeraa
waa wbo ani si yaadeeraa
ahh wbo ani si yaadeeraa
waa wbo ani si yaadeeraa

ana falmataa gadaa
bonsaan sirna abba gadaa
yoo oromoon tokko ta’ee
diini saa baqee badaa

(ana falmataa gadaa)
(bonsaan sirna abba gadaa)
(yoo oromoon tokko ta’ee)
(diini saa baqee badaa)

ollaan kee bilisoomtee
alaabaa ishee dhaabbattee
atiis mirkaneefachuu
akkamitti dagatte?

(ana falmataa gadaa)
(bonsaan sirna abba gadaa)
(yoo oromoon tokko ta’ee)
(diini saa baqee badaa)

iyyoolee leenci bosonaa as oolee
(iyyoolee leenci bosonaa as oolee)
iyyoolee abon dhufee as oollee
(iyyoolee abon dhufee as oollee)

iyyoolee ijoollee baalee (iyyoolee)
jabaadhaa malee (iyyoolee)
ijoollee arsii (iyyoolee)
dhaamsa dabarsii (iyyoolee)
ijoollee jimmaa (iyyoolee)
nu walii dhimmaa (iyyoolee)
ijoollee harargee (iyyoolee)
jajjaboodha argee (iyyoolee)
ijoollee wallaga (iyyoolee)
jajaabadhaa gaa (iyyoolee)
ijoollee guji (iyyoolee)
jabaadhaa malee (iyyoolee)
leenci bosonaa as oolee
(iyyoolee leenci bosonaa as oolee)

ana falmataa gadaa
bonsaan sirna abbaa gadaa
yoo oromoon tokko ta’ee
diini saa baqee badaa

(ana falmataa gadaa)
(bonsaan sirna abbaa gadaa)
(yoo oromoon tokko ta’ee)
(diini saa baqee badaa)

eritraan bilisoomtee
alaabaa ishee dhaabbattee
atiis mirkaneefachuu
akkamitti daggatte?

(ana falmataa gadaa)
(bonsaan sirna abbaa gadaa)
(yoo oromoon tokko ta’ee)
(diini saa baqee badaa)

iyyoolee leenci bosonaa as oolee
(iyyoolee leenci bosonaa as oolee)
iyyoolee abon dhufee as oollee
(iyyoolee abon dhufee as oollee)

iyyoolee ijoollee shawaa (iyyoolee)
mee diina dhawaa (iyyoolee)
ijoollee walloo (iyyoolee)
jabaadhaa maaloo (iyyoolee)
gojjam matakkal! (iyyoolee)
seenaa ketta gaa (iyyoolee)
ijoollee booree (iyyoolee)
akkam goottan ree (iyyoolee)
ijoollee mattuu (iyyoolee)
sirna dabarsuu (iyyoolee)
biyya alaa kessaa (iyyoolee)
nu jajjabeessaa (iyyoolee)

tokk*mma uuma yaa ijoollee
(iyyoolee leenci bosonaa as oolee)
iyyoolee leenci bosonaa as oolee
(iyyoolee leenci bosonaa as oolee)
tokk*mma uuma yaa ijoollee
abon dhufee as oollee
leenci bosonaa as oolee
abon dhufee as oollee
leenci bosonaa as oolee
abon dhufee as oollee
leenci bosonaa as oolee

lirik lagu lainnya :

YANG LAGI NGE-TRENDS...

Loading...