lirikcinta.com
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

lirik lagu amma me – gutu abera

Loading...

qalbii ijoollummaa fedhiin galaana yaadetu hin beeku narraa godaana
sin si filachuuf hawwee waan lachuu galgalli dhufe karraa cufachuu
rigaa naa murii jennaan harkiseen kelloo muree
manakee buli jennan qalbiin koo ala baree
rigaa boruu na fidda bakkanniisa hin muriinii
boru jiruu koo hin beektu har’aa ala hin bulinii

boosseew natti himuunkee suusiikoo hin hir’isu
namni suusii bar hidhanuu hin dhiisu
muuziqaa jalallee hiriyyaa iccitii
namni siin na beeka chaappaakoodha ati
jaalalaan na simadhu oggaan dhufu galgala
kaarruukeen seeqaa kolfaa anaaf bani balbala
goflakee anaaf kenni an siifan barrisa
hurrii luugamee yaabee samii keessa akka risaa

ijakoon libsadha rukutee uree dibbee
miira koon ibsadha sh*ggooyyee sirbee
sh*ggooyyee sirbee (oohoo sh*ggooyyee sirbee)
dhichisee geeraree gitaaras kutee kirrii
na gahuu hindandeenye akk*ma sirrii
akk*ma sirriii (oohoo wallisi tirrii)

amma mee mee mee amma mee mee
(amma mee mee mee amma mee mee)
amma mee mee mee amma mee mee
(amma mee amma mee mee)
muuziqaa siin si bare kan biraa nan wallaale
(muuziqaa siin si bare kan biraa nan wallaale)
muuziqaa wiirtuu koo onnee
tokko taanee jiraanne gargar hin baanu
baanu gargar hin baanu

muuziqaa wiirtuu koo onnee
tokko taanee jiraanne gargar hin baanu
baanu gargar hin baanu

afur yoo na kutte kirri kiraarakoo
yeedaloo mirgisa inni hafe tokko
wi’insa sodaadha meetiidhaan fayyame
murtii akka naa kennan ani yoman eyyame
yoona sii galuu dide boriif wanti yaadame
lakki bareedaaf miti kanin as kaayame
gofli koo naa deebi’ee akkan rafuuf galgala
ruwwiikoo hin dhorkinaa irraa banaa balbala

(amma mee mee mee
amma mee mee
amma mee mee mee
amma mee mee
amma mee mee mee
amma mee mee
amma mee mee mee
amma mee mee)
muuziqaa siin si baree kan biraa nan wallaale
(muuziqaa siin si baree kan biraa nan wallaale)
muuziqaa wiirtuu koo onnee
tokko taanee jiraanne gargar hinbaanu
baanu gargar hin baanu
ibbidadha naan jennaan lafa keenyaanis na gube
safuudha kun na jennaan natti himnaanis didee
eebba aayyoof akaakilee jaalala keetu caale
utee nan galiin “tole” ittan wallaale
muuziqaa siin si baree kan biraa nan wallaale
muuziqaa siin si baree kan biraa nan wallaale
obboroo walin dhalannee biyyo haanee guddanne
walin dhibbamnee gargar hin baanu
muuziqaa wiirtuukoo onnee tokko taanee jiraanne
gargar hinbaanu gargar hinbaanu

ohhohoho

yaadetu hin beeku narraa godaana
(qalbii ijoollummaa fedhiin galaana
yaadetu hin beeku narraa godaana
qalbii ijoollummaa fedhiin galaana
yaadetu hin beeku narraa godaana
qalbii ijoollummaa fеdhiin galaana
yaadetu hin beeku narraa godaana)

lirik lagu lainnya :

YANG LAGI NGE-TRENDS...

Loading...